BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Top stories
Ajjeechaa Batteerratti 'qorannoo Maqiitti godhamutu gufate malee waliigalatti hin dhaabbanne'-Komishinii
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa Obbo Battee Urgeessarratti qorannoon magaalaa Maqiitti qaamaan argamee gaggeessaa ture gufachuu beeksise.
Bulchiinsi Naannoo Tigraay TPLF Waraana Sudaan deeggare himannaa jedhu balaaleffate
Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay humni addaa Sudaan RSF humnoonni TPLF waraana Sudaan deeggaruun lolaa jiru jechuun himannaa dhiyeesse 'bu'uura kan hin qabne dha,'' jechuun balaaleffate.
Somaalilaand waliigalteen wal hubannoo Itoophiyaa waliin mallatteessite raawwiitti dhiyaachuu ibsite
Ministirri Haajaa Alaa Somaalilaand, qaama Somaaliyaa biyya ta'uu ofiin labistee, Dr Issaa Kaaydi Mohaammad yaada BBC Somaaliif kennaniin waliigalteen irra gahame ''raawwachuuf tarkaanfiin gaariin fudhatamaa jira'' jedhan.
Mariin Biyyaalessaa rakkoo siyaasaa furuuf qaamolee wal waraanan irraa jalqabuu qaba - WBO
ABO-ABO Marii Biyyaalessaa, Haqa Yeroo Ce’umsaa fi hidhannoo hiikkachuu ilaalchisee ibsa baaseen marii biyyaalessaa rakkoo siyaasa Itoophiyaa mudate kan furuu danda’u yoo qaamolee wal waraanan irraa jalqabee hawwaasa bal’aa hammachuutti ce’edha jedhe.
Embaasiin Ameerikaa Asmaraatti argamu waggaa torba booda tajaajila viizaa kennuu jalqabe
Embaasiin Ameerikaa Asmaraatti argamu, torban dhufurraa eegalee tajaajila viizaa waggaa torbaaf addaan citee ture akka jalqabu Ebaasichi beeksise.
KALLATTIIN, Israa’el ulaa Gaazaarraan Raafaatti ceesisu qabachuu ibsite
Ministirri Muummee Isr’a'el Benjaamin Netaniyaahuu waliigaltee Hamaas fudhate ‘fedhiiwwan Israa’el guutuurraa fagoodha jedhan. Israa’el marii nagaa kana caalaatti ‘akka isheef ta’utti bilcheessuuf’ jila erguuf jirti jedhan itti dabaluun Mr. Netinyaahuun.
Baasii daangessuun kilaboota Itoophiyaa harki gabaabbate oolchaa?
Gareewwan kubbaa miilaa Itoophiyaa keessa jiran maallaqa waliin walqabsiisee qormaata hedduu akka qaban yeroo hedduu ka’a. Kilaboonni sababa maallaqaatiin qoramaaa jiru.
Booying shakkii xiyyaara 787 irratti ka'uuf akka haaraatti qoratamaa jira
Ameerikaan dhaabbata xayyaaraa Booying irratti qorannoo haaraa jalqabde. Kunis dhaabbatichi qaamota nageenya xiyyaaraa to'atanitti xayyaarota Dreamliners 787 sirnaan hin sakattaane jedhee himuun boodadha.
Palaasiin 4-0 mo'amuun booda 'salphina' Maan Yunaayitid irratti waan jedhame
Kufaatiin Maanchister Yuunaayitid baranaa ni fooyya'a osoo jedhamuu itti caalaa deeme. Wiixata galgala Kiristaal Paalaasiin 4-0 mo'amuun Maanchister Yuunaayitid dorgommii Awurooppaa keessaa baasuu danda'a.
Hanna saayibarii waggaa 13tti jalqaberraa kaasee dargaggeessa yakka guddaan Awurooppaatti barbaadamu
Awurooppaa keessatti yakkaamtoota akkaan barbaadamaa turan keessaa tokko kan ta’ee saamaa beekamaan ragaalee dhukkubsattoota kuma 33 hataman fayyadamuun yakka waliin dhahuu raawwatee hidhaan dabame.
Haqni ce’umsaa Itoophiyaa eessa geessisa?
Manni-maree ministeerotaa torban lama dura Imaammata Haqa Ce’umsaa raggaasiseera. Haala Itoophiyaa bu’uura kan godhate “adeemsa haqni ce’umsaa qindaa’aafi walsimataa ta’e ittiin gaggeeffamuufi sirna ittiin hojiirra oolu diriisuu” kan jedhu kaayyoo imaammatichaati.
Israa'el waajira Al Jaziiraa Yeruusaalem keessa jiru uggurte
Mootummaan Israa'el sochii televizhinii Al Jaziiraa biyyattii keessa jiru cufuuf tarkaanfii fudhateera, dhaabbatichi afaan garee hidhataa Hamaasi dhas ittiin jedheera.
Walitti bu'iinsa
Maaltu haasa'ama?
Lubni Balaay gowwoomsaa namaatiin bakka itti to'ataman deemuu mana murtiitti himan
Sanada sobaatiin Doolara Ameerikaa miliyoona jaha ol baankiirraa baasuuf yaalun kan himataman Luba Balaay Mokonnin, bakkicha ‘ namoonni na gowwoomsaniitu na geessan’’ jechuun mana murtiitti himuusaanii abukaatoon isaanii Tuulii Baayyisaa BBCtti himan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Addunyaa irratti hallayyaan baayyeen gandoota guutuu liqimsaa jiru
Yeroo ammaa kanatti jijjirama qilleensaa addunyaa mudataa jiruun wal qabatee balaawwan umamaa gosa hedduun mudataa jiru. Isaan keessaa tokkoofi haalaan yaaddeesaa kan ta'e waa'ee laftii baqaquutti. Rakkoon laftii baqaquu kunis Itoophiyaa dabalatee biyyota addaa addaa keessatti mutadaa jira. Kanneen asiin gadii miidhamtoota balaa kanaa dubbiiseedhaa dubbiifadhaa.
Abboomaa Mitikkuu: 'Bakka inni jirutti nama Mallas Zeenaawwii dubbachuu hin dandeenye ture'
Gaggeessitoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) 10 gammoojjii Somaaliyaa bakka Shinniggaa jedhamutti "amantiin adda hin baanu nu martuu Oromoodha" jedhanii ajjefamaniifi boolla Shinniggaatii olitti warra maqaasaanii seenan kaasu keessaa tokko Abboomaa Mitikkuudha. Seenaan 'Abbaa Xiiqii' maal fakkaata?
Viidiyoo, Kadir Tolaa: dhalataa Itoophiyaa kaan waliin konkolaachisaa balaa ibiddaa hamaarraa lubbuu oolcheTurtii, 3,05
Viidiyoo kun daandii guddicha US Miiniisootaa irratti yeroo namoonni maanguddoo ibiddi konkolaataasaatti qabate lubbuu oolchuuf yaalii taasisaniidha. isaan keessaa tokko dhalataa Itoophiyaa Kadiir Tolaa yoo ta'u taatee sana ilaalchisuun akkasiin BBC Afaan Oromootti dubbate.
Poolisiin miseensasaa uffata dambii uffatee waltajjii ayyaana Ortodoksii irratti ba’uun dhukaase to’achuu hime
Poolisiin Federralaa miseensasaa guyyaa ayyaanaa amantaa Kiristaanaa warra Ortodoksii kabajamaa ture tokkorratti waltajjiitti ol ba’ee kilaashii bobaa jalaa baafatee samiitti ol qabuun walwalirratti dhukaase tokko, gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwateera jechuun to'annoo jala oolchuu hime.
'Raayyaan miidiyaa' Paartii Badhaadhinaa oduu sobaa fi odeeffannoo dogongorsu facaasuurratti hirmaachuu qorannoon BBC saaxile
Miseensonni Paartii Badhaadhinaa keessumaa damee waajjira magaalaa Finfinnee jalatti socho’aniifi ''raayyaa miidiyaa’’ jedhamuun waamaman namoota mootummaa qeeqaniifi morman irratti gama Fesbuukiin barreeffamootaafi fakkiiwwan odeeffannoo sobaa akkasumas ‘haasaa jibbinsaa’ jedhamuu danda’an tamsaasuu keessatti akka hirmaatan qorannoon BBC’n taasise mirkaneesse.
Gaaffiin 'reeffa miseensota Faannoo' Finfinneetti ajjeefaman fudhachuuf dhiyaate deebii dhabuu maatiin himan
Gaaffii maatiin miseensota Faannoo Finfinnee Kutaa Magaalaa Booleetti walitti dhukaasuu poolisii waliin tureen guyyoota dura ajjeefamanii reeffa ijoolleesaanii fudhachuuf dhiyeessan deebii akka hin argatiin BBC afaan Amaaraatti himan.
Barattoota maallaqa Baankii Daldalaa baafatanii deebiisuuf rakkataa jiran
Barattoonni Yunivastiiwwan kanneen maallaqa baasanii kaayyoowwan garaagaraatiif oolchaniifi kanneen baankiiwwan gara biraatti dabarsan rakkoo keessa seenuu BBCtti himan.
Waraana Sudaan: Daarfuuritti daa'imman beelaafi du'a gidduu jiru
Dubartiin ijjishee gaddaan guuteefi sagaleenshee qallate kun namoota miiliyoonaan lakkaa'aman sababa waraana Sudaaniin qe'eesaanirraa buqqa'anii kaampiiwwan keessa jiran keessaa tokko.
Somaaliyaan ambaasaaddarri Itoophiyaa akka bahan ajajje, ambaasaaddara ofii waamte
Somaaliyaan Somaaliyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa, Muktaar Mohaammad Waaree, sa’aatii 72 keessatti biyyattii keessaa akka bahan ajajje.
'Itoophiyaan maallaqa IMF irraa argachuuf murtoo cimaa gatii Birrii buusuuti ishee eeggata'
Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) akkaataa deeggarsa maallaqaa Itoophiyaaf taasisurratti marii torban lamaan darban Finfinneetti taasisaa ture waliigalteerra osoo hin ga’iin addaan kutuu Roohitarsi gabaaseera.
Ispoortii
Saalaan Liiverpuuliif deebii sirrii kennus filannoo kilabichaa ta'ee itti hin fufu
Liiverpuul tapha Tootenhaam mo'aterratti Mohaammed Saalaarraa deebii barbaade argateera. Wanti na gaddisiise tokkichi garuu dandeettii isaa sirriitti kan inni deebiye erga torban lama barfateen booda ta'uu isaati jedhe leenjisaan Liiverpuul Yaargen Kiloop.
Oduu jijjiirraa maqaan Jeesus, Paartee, Ten Haag fi kaan ka'aa jiruun, eenyu garam deemuufidha?
Arsenaal taphataa isaa sarara fuula duraa Gabreel Jeesus kennuuf kilaba gaafatu dhaggeeffachaa jira. Kilabichi taphataasaa lammii Biraazil, umuriinsaa waggaa 27 ta'e kana ganna kana waan isaaf dhiyaatu eegaa jira. (Football Insider)
Tapha dhumaa jiruun Maan Siitiin harka kennuu dide, Arsenaal Waaqa kadhachuu qofa
Leenjisaan Maan Siitii Peep Geerdiyoolaan ifatti akkas jedhan;''torban tokko, taphoota sadiitu nuuf hafe. Qabxii barbaanna, ni injifannas. Qabxii torba, jaha ykn sadiis ta’u Arsenaal Pirimiyeer Liigii ni injifata''jedhan.
Buruunoo Fernaandez Maanchister Gadhiisuufii?
Maanchister Yuunaayitid leenjisaa Erik Ten Haag jalatti bara darbe gahumsa gaarii agarsiisuun hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigis argatee ture. Barana taphattootni kilebichaa hedduun kilebicha gadhiisanii bahu jedhamee eegama.
Maan Yunaayitid itti fayyadamuu dadhabee ergisa kan kenne Saanchoon Dortimandiif 'qoricha' ta'e
Taphataa Maanchester Yunaayitid itti fayyadamuu hanqatee warra Boruusiyaa Dortimadiif ergisaan dabarsee kenne kun tapha xumura walakkaa Shaampiyoons Liigii Dortimand PSG waliin taphaterratti gahee guddaa taphateera.
Maadriid fi Muunik: Dorgommii Chaamiyoonsi Liigii taphattoonni biyya tokkoo, Keen fi Beelingihaam, irratti wal eeggatan
Taphni maayii xumuraa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kilaboota Piriimer Liigii Ingiliiz malee taphatamu har'a galgala ni eegala.
'Battala Kiloop waliin walitti bu'anitti kan toora irraa maqe Saalaadha'
Piriimer Liigii Ingilizii keessatti jifataa kan turee fi amma tapha kubbaa miillaa kan xiinxalu Kiriis Suutan, Mohaammad Saalaatu ''toora irraa maqe,'' jedhe.
'Har'a Tootenhaamiin mo'achuuf gorsa Arsen Wenger barbaada'- Arteettaa
Leenjisaan Arsenaal Maayik Arteettaan tapha Tootenhaam waliin qaban dursuun akkamitti akka Tootenhaamiin mo'atan leenjisaa duraanii Arsenaal Arsen Weenger irraan gorsa barbaada jedhe.
‘Kana dubbannaan har’a ibiddatu bu'a’-Mo Saalaa waldhabdee Kiloop booda
Taphataan sarara fuuladuraa Liiverpuul Mohaammd Saalaah waldhabdee isaafi leenjisaasaa Yaargen Kiloop gidduutti uumameen booda gaafatamee, “kana dubbannaan har’a ibiddatu dhalata” jechuun sababa waldhabuu isaaniifi maal akka waliin jedhan dubbachuu dhiisuu filate.
Arsenaal tapha darbii Kaaba Landan irra aana moo adabbii mersiisaayid irratti Liivarpuul mudatetu isa eeggata?
Liivarpuul tapha darbii mersiisaayidiin Evartaniin mo'amuunsaa carraa waancaaf qabu itti dhiphiseera. Arsenaal dirreesaatti Chelsii, Maanchistar Siitiin ammoo direen ala Biraayitaniin amansiisanii mo'atan.
Oliiseefi Ezee kan barbaadu paawundii miliyeena 120 haa kaffalu jedhe Paalaas
Kilbani Ingiliz Kiristaal Paalas taphattoota collee lamaan Ebereechi Ezeefi Mikaa'el Oliiseef gatii baasii jira. Tokkoon tokkoo isaanif paawundii miliyeena 60 muree jira.